Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa kabajamuun tokkummaa sabdaneessaa bu’uura cimaarratti ijaaruuf gargaara-TKM

Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)- Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa kabajamuun hariiroo ummatootaa cimsuun tokkummaa sabdaneessaa bu’uura cimaarratti ijaaruuf gahee olaanaa kan qabuudha jedhuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootumma ibse.

Guyyaan Saboota, Sabalammootaa fi Ummatotaa Itiyoophiyaa 19ffaan mata duree “Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa sabdaneessaaf “ jedhuun Magaalaa Arbaa Mincitti kabajameera.

Tajaajilichi guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi Ummatootaa waggaa waggaan kabajamuun, walitti dhufeenya ummataa cimsuun tokkummaa sabdaneessa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf tumsuu bira darbee saboonni, sablammoonnii fi ummatoonni Itiyoophiyaa aadaa fi eenyummaa isaanii akka dagaagfatanii carraa uuma jedheera.

Heerri Itiyoophiyaa bara 1987 ragga’e mirga sabaa fi sablammootaa, hiree ofiin murteeffannaa fi barbaachisummaa calaqqeewwan aadaa kan mirkaneessu ta’uu eereera.

hambaalee aadaaf badhaadhoo biyyattiif gumaacha taasisan barbaachisaa ta’uu daran kan mul’isu ibseera

Aadaa, afaanii fi duudhaa ummatoota Itiyoophiyaan barootaa dheeraaf waliigalteen jiraataanii caalaatti akka mul’atan kan taasisu yoo ta’u, kunis waliigaltee biyyaalessaa daran akka cimsu beeksiseera.

Guyyaan sabaa fi sabalammootaa garaagarummaa kana kabajuu fi eenyummaan sabootaa akka cimuuf hawaasa garagaraa gidduutti walooma cimsuuf gahee murteessaa kan qabaatu ta’uu himaeera.

Mata dureen “Waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhu hammattoo hawaasummaa fi siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti haala qabatamaa jiru sirrii kan ibsu ta’uus eereera.

Guyyaan sabootaa, sabalammoottaa fi ummatootaa baranaa Magaalaa Arbaa Mincitti kabajamuun danummaa naannichaa fi hirmaachisummaa beeksisuuf kutannoo jiru kan agarsiisu ta’uus ibseera.

“Ayyaanni kan tokkummaa, nagaa, waldanda’uu fi calaqqee sabdaneessummaa ta’uu caalaa Itiyoophiyaanonni waltajjii aadaa hedduu, seenaa, duudhaa fi qabeenya uumamaa isaanii addunyaatti beeksisan ta’uu hubachuun barbaachisaadha ta’uu akeekeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment