Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Qopheessummaa Naannoo Sidaamaan har’a kan kabajame guyyaan sabaa fi sablammoota ummattootaa 17ffaan rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan xumuramu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naanichaa beeksise.
Hojiilee nagenyaa kabachiisuu qaamolee nageenyaa naannichaa, federaalaa, dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa hirmaachisuun qindoominaan gaggeeffamaa turuu Hogganaan Biirichaa Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos ibsaniiru.
Haaluma kanaan adeemsi kabaja guyyichaa rakkoo nageenyaa tokko malee milkaa’inaan kabajamee xumuramuu beeksisaniiru.
Qaamolee nageenya sirna kabaja guyyichaaf gumaacha taasisan hundaas galateeffataniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.