Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa 18ffaan Sadarkaa Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa Ummatootaa Itiyoophiyaa 18ffaan Sadarkaa Oromiyaatti mata duree “Heddumminni walqixxummaa fi tokkummaa biyyaalessaaf” Magaalaa Maayaatti sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Saganticharratti, Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, guyyichi sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Maayaatti kabajamuun, hiika olaanaa qaba jedhan.

Ummanni Godina Harargee Bahaa fi Magaalaa Maayaa waggoota dheeraaf sabaaf sablamoota waliin jiraachaa turuu yaadachiisanii kunis sirna federaaliizimi dhugaa ijaaruuf argisiistuu olaanaa ta’uu eeraniiru.

Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dooktar Ifrahaa Waziir guyyaan sabaaf sablamootaa kabajamuun diimookiraasii dhugaan akka dagagguu fi sabaa fi sablamoonni aadaa waliin jiraachuu, duudhaa obbolummaa daran akka gabbifatan kan tumsuudha jedhan.

Sirna bulchiinsa cimaa ijaarree gaaddisa Itiyoophiyummaa jalatti waliin jiraachuuf tokkummaan dhaabbachuu qabna jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan Magaalaa Hararitti marii paanaaliin kabajameera.

Marichaa irratti Afyaa’ii Itti Aanaa Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Uumaataa, guyyichi mirga walqixummaa, obbolummaa, waliin jireenya fi walkabajuu ummatootaa kan itti haareffamuudha jedhan.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad gama isaaniin, sabdaneessumman midhagina malee ka’umsa waljeequmsaa fi walqoqqoodiinsaa ta’uu akka hinqabne kaasanii, seenaa waloo irratti hojjechuun tokkummaa cimsuu qabna jedhaniiru.

Kadiir Shamsaddiinii fi Misiruu Turiitu Gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment