Guyyaan sabaa fi sablammootaa 15ffaan magaalaa Adaamaatti kabajameera

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) –Guyyaan sabaa fi  Sablammootaa 15ffaan bulchiinsa magaalaa Adaamaatti kabajameera.

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Ityoophiyaa 15ffaan mata duree ‘walqixxummaa fi tokkummaa Sabdaneessa Badhaadhina waloof’ jedhuun sadarkaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti galma walga’ii ganda Gadaatti kabajameera.

Magaalaan Adaamaa magaalaa Sabaa fi Sablammoonni biyyattii hunduu garaagarummaa malee tokkummaan keessa jiraatan ta’uu Af yaa’iin Mana Maree bulchiinsa magaalaa Adaamaa aadde Hinseenee Mohaammad ibsaniiru.

Aadaan waldanda’uu kun gara fuuladuraatti cimee akka itti fufu bulchiinsi magaalichaa kutannoon kan hojjatu ta’uu eeraniiru.

Akka OBN gabaaseetti sirna kanarratti waraqaan qorannoo ‘Sochii faallaa Heeraa garee ABUTtiin taasifamaa turee fi sirna Federaalaa baraaruuf tarkaanfii mootummaan Federaalaa fudhachaa jiru’ dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment