Guyyaan Raayyaa Ittisaa 116ffaan Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC)- Guyyaan Raayyaa Ittisaa 116ffaan mata duree “Raayyaa injifannoo wayita qoramu hundatti cimu” jedhuun Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera.

Sirna kabaja guyyichaarratti, Ajaja Kibbaa, qondaaltonni olaanoo Godina Arsii Lixaa fi Magaalaa Shaashamannee, jiraattonni naannawichaa bakka argamanitti kabajameera.

Bakka Bu’aan Ajajaa olaanaa Qajeelcha Waliigalaa Ajaja Kibbaa Koloneel Wandasan Asfuun ergaa dabarsaniin gootichi Raayyaa Ittisaa Biyyaa haalaaf utuu hinjilbeenfanne barootaaf birmadummaa biyyaa eegsisuun Raayyaa Itiyoophiyaa ceessise ta’uu dubbatan.

Rayyichi birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya ummata ishee eegsisuuf ga’umsa cimaarratti akka argamu himuun, ergama itti kennames ga’umsaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Injifannoo Raayyaaf ummanni gaachaana ta’uun gahee olaanaa waan qabuuf ummanni tumsa Raayyaa Ittisaaf taasisaa jiru cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchaan Godinaa Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajii gama isaaniin Raayyaan Ittisaa Biyyaa walaba ta’uun ummataa fi biyya amanamummaan tajaajilaa jiraachuu kaasanii, kanaaf kabajni akka maluuf dubbataniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment