Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Ajaja Bahaatti kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 7,2012 (FBC) – Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Ajaja Bahaatti kabajame.
Ajajni Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa guyyaa Raayyaa ittisa biyyaa 8ffaa duula qulqullinaa,dhiiga arjoomuu fi mariidhaan magaalaa Harariitti kabajeera.
 
Marii Paanaalii kanarratt kan argaman ajeejaan ajaja bahaa Meejar Jeneraal Zawduu Balaay akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa rakkoo isa qunnamu hunda bira dabruun biyyattitti nageenyi akka bu’u murannoon hojjechaa jira jedhan.
 
Naannichatti rakkoo nageenyaa uummamu furuuf hawaasa waliin of eeggannoo cimaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
Miidhaa uummataa fi qabeenyarra ga’aa jiru bu’ura seeraan ittisuuf murannoo fi itti gaafatamummaan hojjetamaa jira jedhan Meejar Jeneraal Zawduu Balaay.
Comments (0)
Add Comment