Guyyaan qabeenya kalaqa sammuu idil addunyaa kabajamaa jira

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Guyyaan Qabeenya Kalaqa Sammuu Addunyaa Mata duree “Dubartootaa fi Qabeenya Kalaqa Sammuu; innooveeshinii fi kalaqaa saffisiisuu” jedhuun kabajamaa jira.

Guyyaan qabeenya kalaqa sammuu Addunyaa waggaa waggaan Eebla 18 kabajamu gola hambaa Saayinsiitti marii paanaalii fi agarsiisa hojiiwwan kalaqaan kabajamaa jira.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoge Tesfayee qabeenyi kalaqaa sammuu dubartootaa eegumsa seeraa gahaa akka argatan haala mijeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, biyya keessaa fi biyya alaatti itti fayyadamummaa isaaf haala mijeessuu fi tattaaffiin isaanii jajjabeeffamuu akka qabu dubbataniiru.

Akkasumas innooveeshinii fi kalaqa guddisuuf gahee dubartootaa tilmaama keessa galchuun hojiilee garagaraa qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huriyaa Alii gama isaaniin dubartoonni dandeettii isaaniitti akka fayyadamanii fi gufuuwwaan saayinsii fi teeknooloojii akka hinhirmaanne isaan daangessan hambisuu barbaachisaadha jedhaniiru.

Daarektarri olaanaa Duraanii Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Ityoophiyaa Dooktar Ermiyaas Yemaanebirhaan akka jedhanitti, dandeettii kalaqaa dubartootaa guddisuu fi hojiilee isaanii qabeenya kalaqa sammuutiin galmeessuun jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan qabeenya kalaqa sammuu addunyaa akka addunyaatti yeroo 21ffaaf, Ityoophiyaatti ammoo yeroo 20ffaaf kabajamaa jira.

Zaman Bayyanaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment