Guyyaan Nyaata Addunyaa daawwannaan Aanaa Lumeetti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC) – Guyyaan Nyaata Addunyaa bara 2022 akka biyyaatti Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti daawwannaa hojii misoomaan kabajameera.

Daawwannaa kanarratti qondaaltoonni olaanoon mootummaa Federaalaa, Naannolee, bakka buutoonni Sagantaa Nyaataa Addunyaa,Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa addunyaa argamaniiru.

Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa guyyaan Nyaataa bara Faranjootaa 2022 Ityoophiyaatti akka kabajamu murteessuu hordofee guyyichi Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti daawwannaa hojii misoomaan kabajameera.

Jilli kun ooyiruu qonnaan bultoota oomisha Avookaadoo, Qamadii fi Xaafii kilaastaraan misoomaan daawwachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment