Guyyaan Maanguddootaa kabajamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC) – Guyyaan Maanguddootaa 32ffaan Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree ‘Mirga Maanguddootaa kabajuun dhaloota ciisuuf’ jedhuun magaalaa Miizaan Amaanitti kabajamaa jira.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi dhaabbilee garaagaraa kabajicharratti argamuu ibsameera.

Guyyaan kun sadarkaa addunyaatti yeroo 33ffaaf akka Itiyoophiyaatti yeroo 32ffaaf kabajamaa jira.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment