Guyyaan Kalee addunyaa tajaajila qorannoo fi yaala bilisaa Kaleetin kabajamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Guyyaan Kalee addunyaa magaaloota garagaraatti tajaajilaa qorannoo fi yaala bilisaa Kaleetin kabajamaa jira.

Ityoophiyaatti yeroo amma kana dhukkubsattoonni dhibee kalee miiliyoonni 10 akka jiran ragaaleen ni muuldhisu.

Yeroodha gara yerootti dabalaa kan dhufee tamsa’inni dhibichaa  sirna nyaata madaalawaa hin taanee, dhibee sukkaraa fi kanneen biroon dhibichi akka babaldhatuuf gahee olaanaa akka qaban ibsameera.

Akka gabaasa EBCtti qorannoon bilisaa dhibichaa yeroo 17ffaaf magaalaa Finfinnee buufatalee fayyaa mana tiyaatiraa biyyoolessaa, Shagoolee, Addisuu Gabayaa fi Saariis akkasumas magaaloota Goondar, Hawaasa, Dirree Dawaa fi Adaamaatti laatamaa akka jiru waldaan dhukkubsattootaa Kalee Ityoophiyaa ibseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment