Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Guyyaan injifannoo Adwaa 127ffaan magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.
Ayyaanichi magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garaagaraatti sagantaalee garaagaraan haala ho’aa ta’een kabajamee oola.
Yaadannoo ayyaanichaaf hoggantoonni mootummaa Addabaabaayii Minilikitti abaaboo kaa’uun kan eegalchiisan yoo ta’u, ittaansuun imalli miillaan gara riqicha Adwaatti taasifamu kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Ittaansuunis sagantaa inni guddaan Addabaabaayii Masqalaatti kan gaggeeffamu ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.
# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.