Guyyaan imala miilaa fi Biskileetti 4ffaan magaaloota biyyatti garaagaraatti kabajame

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Guyyaan imala miilaa fi Biskileetti 4ffaan magaaloota biyyatti garaagaraatti mata duree ‘Qaammee hanga Qaammee ni qaqabna’ jedhuun kabajamee ooleera.
Balaa tiraafikaa hir’isuuf bara kana mata duree ‘Qaammee hanga Qaammee ni qaqabna’ jedhuun minsteerri geejibaa qooda fudhatoota waliin hojii hubannoo uumaa gaggeessaa jira.
Guyyaa har’aas ministeerrichi Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa waliin sagantaa imala miilaa fi biskileett yaa gabbifannu balaa tiraafikaarraa of eegaa fayyaa keenya yaa eegganu jedhuun magaalaa Bishooftutti gaggeessaniiru.
Sagantichaan imala miilaa fi bisikileetii qaamoolee hawaasaa gargaraa hirmaachiseen gaggeeffameera.
Miidhaa haawaas diinagdee balaa tiraafikaan ga’u hir’isuuf hirmaannaan hawaasa murteessaa ta’uu ibsameera.
Balaa tiraafikaa qabeenyaa fi lubbuu lammilee galaafataa jiru xiqqeessuuf hojiin hubannoo imaltoota lafoo fi konkolaachiftoota uumuu qooda fudhatoota waliin hojjaamaa jira jedhan dareektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa obbo Abdurqaadir Huseen.
Ittisa balaa tiraafikaaf sosochiin hubannoo uumuu itti fufiinsaan magaaloota Oromiyaa keessatti ni hojjatama jedhan dareekrarichi.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment