Guyyaan Hundeeffama Humna Qilleensa Itiyoophiyaa waggaa 89ffaan boru kabajama

Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Guyyaan Hundeeffama Humna Qilleensa Itiyoophiyaa waggaa 89ffaan boru sagantaalee garaagaraan kabajama.

Guyyichi mata duree ‘Humna Qilleensaa hin nyaarramne, Biyya kabajamte’ jedhuun kabajamee oola jedhame.

Qophiin Jala bultii ayyaanichaa Mooraa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa Bishooftuutti argamu keessatti gaggeeffamaa jira.

Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dabalatee qondaaltoonni Raayyaa Ittisaa, Ajajoonni Humna Qilleensaa biyyoota Afrikaa adda addaa fi hoggantoonni dhaabbilee Nageenyaa biroo qophicharratti argamuu TOI gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment