Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Guyyaan horsiise bultootaa biyyaalessaa 18ffaan mata duree “ Misoomni Horsiise bulaa badhaadhina biyyaaf” jedhuun magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.
Guyyaan horsiisee bulaa 18ffaan hawaasa horsiisee bulaa guutuu biyyattii hirmaachise qopheessummaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaan magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.
Guyyaa kabaja horsiisee bulaa kanarratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanaa Federaalaa fi naannolee, abbootiin gadaa fi hawaasni horsiisee bulaa argamaniiru.
Haala Saaxilamummaa hongee horsiise bultootaa ittisuu fi misooma waaraa mirkaneessuun guddina biyyaa ariifachiisuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uu ibsamneera.
Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa gammoojjii Injinar Ayishaa Mohaammad haasaa taasisaniin, yeroo Ityoophiyaan humnoota farra nageenyaa keessaa fi alaarratti injifannoo galmeessaa jirtuutti guyyaa ayyaana horsiisee bulaa kabajuun miidhagina tokkummaati jedhan.
Saaxilamummaa hongee horsiisee bulaa tokkummaan qolachuuf hojii hojjetamu cinaatti mootummaan naannolee hawaasa horsiisee bulaa rakkoolee garaagaraaf saaxilamaa jiran furuuf deggersa ariifachiisaa qaqqabsiisaa jiru cimsee kan itti fufu Ministirri ministeera Jallisii fi Naannawaa gammoojjii Injiinar Ayishaa Mohaammad saganticharratti ibsaniiru.
Guyyaa horsiisee bulaa biyyaalessaa 19ffaa qopheessuuf mootummaan naannoo Affaar mootummaa naannoo Oromiyaarraa fudhateera.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.