Guyyaan hojjettoota Idil Addunyaa Wiixata dhufu sagantaalee garaagaraan ni kabajama – KWHI

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Guyyaan hojjettoota Idil Addunyaa Wiixata dhufu sagantaalee adda addaatiin kan kabajamu ta’uu Konfedereeshiniin Waldaa hojjettoota Ityoophiyaa beeksise.

Guyyaan Hojjettootaa kun akka Ityoophiyaatti yeroo 48ffaaf, akka Adfunyaatti yeroo 134ffaaf kabajama jedhame.

Guyyaan kun Magaalaa Finfinnee fi magaaloota naannoleetti marii Paanaalii fi sagantaalee adda addaan kan Kabajamu ta’uu Konfedereeshiniin Waldaa Hojjettoota Ityoophiyaa ayyaanicha ilaalchisee ibsa baaseen himeera.

Ayyaanichi bara Faranjootaa 1890 eegalee taateewwan garaagaraan kabajamaa tureera.

Guyyaan kun barana mata duree ‘Gaaffilee Bu’uuraa Hojjeettootaaf Furmaata Hatattamaa’ jedhuun Eebla 23, 2015 kan kabajamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment