Guyyaan hojjettoota addunyaa kabajamaa jira

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Guyyaan hojjettoota Addunyaa 131ffaan kabajamaa jira.
 
Eebila 23 bara baraan kan kabajamu guyyaan hojjettoota addunyaa akka Ityoophiyaatti yeroo 45ffaaf, akka addunyaatti ammoo yeroo 131ffaaf guyyaa har’aa kabajamaa jira.
 
Qabsoo hojjettoonni taasisan yaadachuun kabajamaa jira jedhame.
 
Guyyaan kun Ityoophiyaatti mata duree ‘ weerara vaayrasii koroonaarraa of eeguun oomishtummaa itti yaa fufsiisnu’ jedhuun kabajamaa jira.
 
Ayyaanichi akka kanaan duraa addabaabayiitti ba’uun osoo hin taane namni hundi mana ofiitti yaadachuun kabajaa jiru jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment