Guyyaan HIV Shaashamanneetti kabajame

Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC)- Guyyaan HIV AIDS Sadarkaa Oromiyaatti Mata duree “Tajaajila HIV/AIDS Kabaja lammiilee giddugaleeffate lammiilee hundaaf” jedhuun Magaalaa Shaashamaneetti kabajame.

Saganticharratti Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Guushaa Balakoo hasawaa taasisaniin, dagannaa hawaasaa dabalaa dhufeen HIV’n naannichaatti rakkoo fayyaa dhaqabsiisa jiraachuu himaniiru.

Naannichatti namoota kuma 100 fi kuma 57 ol Vaayirasiin HIV Dhiiga isaanii keessatti kan argamu ta’uu eeranii bara darbe qofa namoonni kuma 10 fi 200 dhibee kanaf saaxilamuu yaadachiisaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjiraa Fayyaa Magaalaatti Obbo Sulxaan Huseen gama isaaniin daddammaqiinsaa fi hubannoo hawaasa cimsuun, hawaasaa HIV/AID’s irraa bilisa ta’ee uumuuf hojjetaa jira jedhaniiru.

Namoota HIV/AIDS qaamaa isaani keessatti argamu kunuunsa barbaachisu taasisuun gahee lamummaa bahachuun murteessaa ta’uun eerameera.

Kabaja guyyaa HIV/AIDS kana irratti Abbootii Gadaa, haadhooliin Siinqee fi keessumoonni garaagara argamaniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment