Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Guyyaan HIV Eedsii sadarkaa Oromiyaatti mata duree “Tatamsa’ina HIV dhaabuuf haa qoratamnu; kan hafanis haa qaqqabnu” jedhuun Magaalaa Mojootti kabajameera.
Kabaja guyyichaarratti abbootiin gadaa, hoggantoonnni biiroolee, dhaabbileen miti mootummaa hojii ittisa vaayirasii irratti hojjetan argamaniiru.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doctor Guushaa Balakoo waltajicharratti, Oromiyaa keessatti waggaa waggaan namoonni kuma 3 fi 400 ol vaayirasichaan kan qabamanii fi kuma sadii ol ammoo dhibechaan akka du’an ibsaniiru.
Guyyaa HIV Eedsii Addunyaa kabajuun kan barbaachiseef hawaasaaf hubannoo uumuun namoota haaraa vaayirasichaan qabaman baraaruuf akka ta’e ibsaniiru.
Tatamsa’inni vaayirasichaa baadiyaatti heddummaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaan Yaadannoo HIV Eedsii akka addunyaatti yeroo 36ffaaf akka Ityoophiyaatti yeroo 34ffaaf kabajamaa jira.
Siisaay Warquutu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.