Guyyaan HIV AID’s sadarkaa Oromiyaatti Boru Shaashamanneetti kabajama

Finfinnee, Mudde 2, 2017 (FMC)- Guyyaan HIV AID’s Sadarkaa Oromiyaatti borii Magaalaa Shaashamanneetti kan kabajamu ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Hoogganaa Itti Aanaa Biirichaa Dooktar Guushaa Balakoo ibsa kennaniin HIV’n akka biyyaattis ta’ee akka Naannoo Oromiyaatti rakkoo fayyaa hawaasaa yaaddessaa ta’ee itti fufuu himan.

Naannoo Oromiyaatti yeroo ammaa namoota kuma 100 fi kuma 57 ol Vaayirasiin HIV Dhiiga isaanii keessatti kan argamu ta’uus eeranii, namoonni kuma 100 fi kuma 31 ol qoricha farra HIV fudhachaa jiraachus kaasaniiru.

Guyyaan HIV AID’s akka addunyaatti waggaa waggaan kan kabajamu ta’uu yaadachiisuun, sadarkaa Oromiyaatti mata duree “Tajaajila HIV/AIDS Kabaja lammiilee giddugaleeffate lammiilee hundaaf” jedhuun boru Mudde 3, 2017 Magaalaa Shaashamanneetti kabajama jedhaniiru.

Guyyaan kun waa’ee ittisa HIV, wal’aansaa fi deeggarsa HIV irratti hubannoon uumuu kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Oliiqaa Girmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment