Guyyaan hanqina guddina Sammuu Idil Addunyaa Finfinneetti kabajamaa jira

Guyyaan hanqina guddina Sammuu Idil Addunyaa Finfinneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Guyyaan hanqina guddina sammuu Idil Addunyaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree ‘Sirnoota deeggarsa keenyaa haa fooyyeessinu” jedhuun qindeessummaa Faawundeeshinii Dibooraan kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Saganticharratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Hundeessaa Faawundeeshinii Dibooraa Abbaa Duulaa Gammadaa, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat kaamili fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.

Guyyichi kabajamuun lammiileen hanqina guddina sammuu qaban akkuma lammiilee biroo carraa barachuu fi hojjechuu akkasumas guddina biyyaattiif gumaacha bahachuu akka danda’an hubachiisuufi jedhame.

Qiddisti Birhaanuutu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment