Guyyaan haadholii biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti kabajame

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Guyyaan haadholii sadarkaa biyyaalessaatti magaalaa Jigjigaatti kabajamee ooleera.

Waggaa waggaan Amajjii 30 kan kabajamu guyyaan amansiisaa haadhummaa har’a naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajameera.

Qopheessumaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoo Somaaleen mata duree “ waltumsuun hojjechuun du’aatii haadholii haa ittifnu” jedhuun kabajameera.

Ayyaanicharratti hoggantoonni Biiroo Eegumsa Fayyaa naannichaa fi dhaabbilee fayyaa garaagaraarrraa walitti babba’an, ogeeyyiin fayyaa, haadholiinii fi qooda fudhattoonni garaagaraa argamaniiru.

Wayita ulfaa haadholiif tajaajila yaala fayyaa barbaachisaa ta’e kennuun du’aatii haadholii ittisuun xiyyeeffanno argachuu akka qabu ka’eera.

Naannichaa fi guutuu biyyattiitti kenniinsa tajaajila yaala fayyaa guddisuun du’aatii haadholii ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan kennamee hojjetamaa jiraachuu daayrektarri daayrektoreetii ittisa dhibee fi gabbisa fayyaa naannichaa obbo Abdii Faaraahi ibsaniiru.

Du’aatii haadholii hir’isuuf ogeeyyiin fayyaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatan itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan dhaabbata miidiyaa naannicharraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment