Guyyaan galmee barattoota Kutaa 9ffaafi 10ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa  ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Guyyaan galmee barattoota Kutaa 9ffaafi 10ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa ifoomuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi bara barnootaa 2015tti barattoota kutaa 9ffaa barataniif qorumsa seensaa kennuun adda baasee Manneen Barnootaa Bulti Addaa Sadarkaa 2ffaa torba keessatti raabsuu yaadachiiseera.

Guyyaan galmee barattoota kutaa 9ffaa Onkololeessa 19/2015 -20/2015ta’uufi Onkololeessa  21,2015 adabbiin kan galmaa’an ta’uu beeksiseera.

Barattoonni kutaa 9ffaa haaraa waan ta’aniif kanneen akka Uffata halkanii, Uffata Ispoortii, Meeshaalee Barnootaa, Ragaalee barnootaa kutaa 8ffaa irraa gara 9ffaa ittiin darban orijinaalaafi koopii tokko tokko waliiniifi Suuraa isaaniifi kan maatii  3×4 lama lama kan yeroo dhiyoo keessatti ka’an qabatanii manneen barnootaa itti ramadamanitti akka argamnan yaadachiiseera.

Guyyaan galmee barattoota kutaa 10ffaa ammoo Onkololeessa 14/2015 – 15/2015 yoo ta’u Onkololeessa 16, 2015 adabbiin kan galmaa’u ta’uu ibseera.

Barattoonni kutaa 9ffaas ta’ee 10ffaa guyyaa galmeef ibsaman booda dhufan fudhatama akka hinqabne hubachuun guyyaa jedhaman keessatti akka galmaa’an hubachiisuu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment