Guyyaan Gaddaa Biyyaalessaa Labsame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaatti Guyyaan Gaddaa biyyalessaa guyyoota sadiif turu labsame.

Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti bala Sigiga lafaa mudate hordofee Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa borurraa eegalee guyyoota sadiif kan turu guyyaa gadda biyyaleessa labseera.

Bu’uura Labsii Alaabaa lakkoofsa 654/2001 foyyeessuuf labsii ba’e lakkoofsa 863/2006 keeyyataa 22 keeyyata xiqqaa 2’n barbaachiisa ta’ee yoo argame, aangoon guyya gadda labsuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennameera.

Bu’uura labsii Alaabaa lakkoofsa 863/2006 keeyyata 2 keeyyata xiqqaa 2 jalatti guyyaa gaddaa biyyalessaa fi Alabaan gadii siqee akka mirmirfamu Afyaa’ii Mana Marichaan kan murtaa’u ta’uun raggaasifameera.

Haaluma kanaan Adoolessa 20, 2016 jalqabee guyyota sadiif Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Gozdiitti balaa sigiga lafaa mudateen lammiilee lubbuun isaanii darbe yaadachuuf guyyaa gaddaa akka ta’u labsameera.

Guyyoota kanneenitti Alaabaan Itiyoophiyaa sadarkaa biyyalessaatti, Dooniiwwaan Itiyoophiyaatti, Embaasiiwwanii fi Waajjiraalee Qoonsilaa keessatti gadii siqee akka mirmirfamu murtaa’uu ragaan Mana Maricharra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment