Guyyaan farraa malaamaltummaa naannoo Oromiyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Guyyaan farraa malaamaltummaa 16ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree  “hooggansa naamusaawan Oromiyaa malaamaltummaa irraa qulqulleesina” jedhuun kabajamaa jira.

Saganticharrattis hooggansi olaanoon, Abbooti Gadaa ,Haadholii sinqee, Abbootii Amantaa, qondaalli naamusaa fi qooda fudhattoonni garagaraa aragamaniru.

Guyyaan farra malaaltummaa akka Addunyaatti yeroo 18ffaaf akka biyyaatti yeroo 17ffaaf akka naannoo Omiyaatti yeroo 16ffaaf Adaamaa Galma Yuunvarsiitii Adaamaa fi Teknooloojiitti kabajamaa jira.

Saganticharratti Itti aanaa Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,Sadarkaa itti aanaa PMN Oromiyaatti Qindeessaan kilaastara Magaalaa Obbo Addisuu Araggaa, Preezdaantii MMWO Obbo Gazaalii A/Simaal dabalatee hooggantoonni olaanoo argamanuu ragaan Biiroo Komiskeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment