Guyyaan farra malaammaltummaa kabajame

Finfinnee, Mudde 11, 2012(FBC) – Guyyaan farra malaammaltummaa dhaadannoo ‘Naamusa daa’immanii fi dargaggootaa dagaagsuun dhaloota malaammaltummaa lagatu yaa horannu’ jedhuun Damee Lixaa magaalaa Jimmaatti kabajamee jira.

Guyyaan farra malaammaltummaa kun akka addunyaatti yeroo 16ffaaf,akkaa Ityoophiyaatti  yeroo15ffaaf, akka Oromiyaatti ammoo  Yeroo, 14ffaaf kabajame.

Malaammaltummaan ilaalchisee qaama hundaaf hubannoo ga’aa uumuuf sirnicha irratti qophiiwwaan barsiisoo ta’an dhiyaataniiru.

Malaammaltumaa dhabamsiisuuf dhaloota malaamaltummaa lagatu fi  ummataa keessa baheef yaadu oomishuun dirqama ta’uu akka qabu sirnicha irratti ibsameera.

Dhaloota malaammmaltuu balaalleffatuu fi murannoon irratti qabsaa’uu uumuun hojii xiyyeeffaannoon hojjetamuu qabu akka ta’es eerrameera.

Akka OBN gabaaseetti Qaamoolee  malaamaltummaa irraatti hubannoo uumuu fi saaxiluu irratti gumacha olaanaa taasisaaniif beekkamtii fi baadhasni kennameera.

 

 

Comments (0)
Add Comment