Guyyaan Farra Malaamaltummaa boruu Magaalaa Adaamaatti kabajama

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC)- Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaan Farra Malaamaltummaa boruu Magaalaa Adaamatti akka kabajamuu Koomishiniin Naamusaa fi Farra malaamaltummaa Oromiyaa ibseera.

Komishiinarri Koomishinii Naamusaa fi Farra malaamaltummaa Oromiyaa Huseen Usmaan, Guyyaan Farra Malaamaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 16ffaaf guyyaa boruu Magaalaa Adaamatti kabajamaa jedhaniiru.

Koomishiinar Huseen Usmaan ibsa laataniin Malaamaltummaan kaanserii balaa guddaa sirnaa fi biyyaati waan ta’eef guyyaan farra malaamaltummaa kan guyyaa tokkoof kabajamee hafu osoo hin taane sosochii cimaa uumun dhaloota malaamaltummaa balaaleffatu horachuun naamusa badaa dhabamsiisuuf akka ta’e ibsaniiru.

Guyyaan kun akka addunyaatti yeroo 18ffaaf akka biyyaatti yeroo 17ffaaf kan kabajamu yoo ta’uu, akka Naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo 16ffaaf torban darbee kaasee sirnoota garagaraatin kabajamaa jiraachuu ragaan BDHKMNO irra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment