Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa guyyaan eeruu kaadhimamtoota Komishinaroota Komishinii waliigaltee biyyaalessaa hanga Amajjii 13, 2014tti dheereffamuu beeksise.
Manni marichaa guyyaan eeruu komishinaroota komishinii waliigaltee biyyaalessaa Muddee 26-Amajjii 6, 2014tti gaggeeffamaa jiraachuu yaadachiiseera.
Kaadhimatoota Komishinaroota eeruuf hanga ammaatti hirmaannaan lammiileen taasisan kan jajjabeeffamu ta’uu manni marichaa ibseera.
Haa ta’u malee Itti gaafatamummaan Komishinichi qabu olaanaa waan ta’eef uummanni kaadhimatoota dabalataa akka eeruu fi heddummina biyyattii yaada keessa galchuunii fi lammiileen sababoota garaagaraan eeruu hin dandeenye carraa akka argataniif guyyaan eeruu kaadhimatoota Komishinarootaa hanga Amajjii 13, 2014tti dheereffamuu ibseera.
Namoonni eeruu kennuu barbaadan karaa weebsaayitii fi feesbuukii mana marichaa asiin gaditti kaa’ameen eeruu kennuu kan danda’u ta’uu ibseera.
http://www.hopr.gov.et/web/guestpublicatons-acticles
FB= http://www.facebook.com/hoprpariament
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.