Guyyaan dubartootaa waggaatti guyyaa tokkoo qofa osoo hin taane hojii guyyoota 365 ta’uu qaba – Pireezidaanti Saahilawarqi

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen guyyaa dubartootaa 47ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Dubartoonni Ityoophiyaa fi guutuu addunyaarratti argaman maraan baga guyyaa dubartootaa idil addunyaa geessan jedhaniiru.

Guyyaan dubartootaa waggaatti guyyaa tokkoo qofa osoo hin taane hojii guyyoota 365 ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Rakkoolee dubartootarra ga’an hambisuuf dubartoota gurmeessuun hojii ijoo ta’uu akka qabus kaasuun, qabsoon mirgaa qabsoo dhuunfaa osoo hin taane ajandaa cimaa dubartoota hundaa ta’uu qaba jedhaniiru.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment