Guyyaan dhiifama kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti guyyaan dhiifamaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa jiraachuu himame.
 
Sagantaa guyyaa dhiifamaa akka magaalaa Finfinneetti kabajamaa jiru kanarratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawduu dabalatee, itti aantuun kaantibaa magaalichaa aadda Adaanachi Abeebee, dureewwan amantaa,hoggantoonni mootummaa olaanoonii fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
 
Biyyi ummata malee, ummanni dhuudhaa malee gatii waan hin qabneef duudhaalee dhiifama babal’isuun dhaloota egeree biyya nagaa fi jaalalaa yaa dhaalchifnu jedhan Preezdaantiin FDRI aadde Saahilawarqi Zawdee.
 
Qaammeen waggaa keessatti eebba baatii 12 irratti waaqayyoo nuuf eebbise jedhan.
 
Rakkoo bara darbee irra barannee bara dhufu tokkummaan waliin jiraachuuf qophaa’uu qabna jedhan Preezdaant Saahilawarq.
 
Dhiifama walii gochuun Uumaa waliin araaramuudha, yeroo dhiifama gaafannu kan darbe akka deebifnee hin yaadanetti onnee irraa ta’uu qaba jedhaniiru.
 
Hawaasni biyya booruuf taatu ijaaruuf jibbarra jalaala, walirraa fagaachuurra walitti hiiquun, garaagarummaarra tokkummaa babal’isuun dhiifama aadaa godhachun tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraachuu akka qaban dureewwan amantaa waamicha dhiyeessaniiru.
 
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanchi Abeebee gama isaaniin, bara 2012 dhiifaman, tokkummaan, ambaasaaddaruumman, galataa fi missiraachoo abdii haaraan ce’uun bara 2013 afuura haaraan yaasimannu jedhan.
 
Bakka buutoonni waldaa gootootaa, dargaggoonni magaalaa, jaarsooliin biyyaa, deeggartoonni kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee fi jiraattoonni dhiifama walgaafachuu isaanii ragaan Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment