Guyyaan dargaggoota Afrikaa Yuunivarsiitii Aarbaa Mincitti kabajame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Guyyaan dargaggoota Afrikaa 16ffaan Yuunivarsiitii Aarbaa Mincitti kabajameera.

Barreeffamni barnootaa fi namuusa dargaggootaa jedhu dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamuu eerameera.

Hirmaannaa dargaggootaa dabaluuf dargaggoonni mataa isaaniin qooda irraa eegamu ba’uu akka qaban ibsameera.

Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti Itti Gaafatamaan Deeksii Ijaarsa dandeettii Hirmaannaa fi Gurmaa’insa dargaggootaa obbo Kuraa Jamaanahin himaniiru.

Qooda fudhattoonnis ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhame.
Kabaja guyyicharratti Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru jedhame.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment