Guyyaan Daranyoo Sombaa yeroo 26ffaaf Sadarkaa Oromiyaatti Jimmaatti kabajame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Guyyaan Daranyoo Sombaa yeroo 26ffaaf sadarkaa naannoo Oromiyaatti Oromiyaatti Godinaa Jimmaatti kabajame.

Sagantichaarratti Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa Naannoo Oromiyaatti namoota dhibeechaan shakkaman keessaa, %98 qorannoon fayyaa taasifamuu dubbataniiru.

Dhibecha ittisuuf hojiiwwan hojjatamaniin naannoon Oromiyaa hojii fakkeenyummaa hojjachuun beekamtii argachuu Obbo Darajjeen yaadachiisaniiru.

Godina Jimmaatti bara darbee namootni kumni 3 fi 512 qorannoon adda bahanii wal’aanamaa Itti Gaafatamaan Waajira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa Obbo Fu’aad Saabit dubbataniiru.

Bara kanas, qooda fudhattoota waliin dhibeecha ittisuuf hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhibeen Daranyoo Sombaa naannoo Oromiyaattis dhibeewwan hawaasa irraan midhaa olaanaa geessisan keessaa tokko ta’uu himameera.

Ityoophiyaatti waggaa waggaan namoonni kumni 143 dhibee Daranyoo Sombaan akka qabamanii fi namoonni kumni 19 lubbuun isaanii akka darbu ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment