Guyyaan Daneessummaa Naannolee garaagaraatti kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Qaammeen 4 “Guyyaa Daneessummaa” naannoleetti sagantaalee garaagaraatiin kabajamaa jira.

Guyyichi Naannoo Harariitti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Haaluma kanaan naannawwaa Hambaa Idil Addunyaa Jagoolitti hawaasni magaalichaa sochii Ispoortii taasisuun guyyicha kabajaniiru.

Hogganaan Wajjira Paartii Badhaadhinaa damee Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaa ergaa dabarsaniin guyyichi daneesummaa biyyaalessa keenya fi tokkumaa kan cimsudha jedhan.

Dabalataan guyyichi Naannoo Gambeellaatti sochii Ispoortii fi sagantalee adda addaa biroon kabajameera.

Pireezidaantiin Naannoo Gambeellaa Aadde Alamituu Umood akka Ispoortiin jabeenya qaamaaf tajaajiluun cinaatti tokkummaa uummataa fi waloo cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun guyyichi bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa, Naannolee Amaaraa, Somaalee, Kibbaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaattis sosochii Ispoortii taasisuun kabajameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment