Guyyaan daa’imman Afrikaa Finfinneetti kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2015 (FBC)- Guyyaan daa’imman Afrikaa mata duree “Nagaa, jaalala, kunuunsii fi eegumsi daa’imman hundaaf” jedhuun Finfinneetti kabajame.

Guyyaan daa’imman Afrikaa Ityoophiyaatti yeroo 32ffaaf, kabajameera.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartoota fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, qondaaltotaa mootummaa Federaalaa fi naannolee akkasumas fi qaamolee dhiimmichi ilaallatu biroon argamaniiru.

Guyyaan daa’imman Afrikaa baranaa sadarkaa ardichaatti yeroo 33ffaaf mata duree “Mirga daa’immanii, Dirree dijitaalaatti” jedhuun akka kabajamu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment