Guyyaan biyyaalessaa lafoo fi biskileetotaa 3ffaan magaalota adda addaa keessatti kabajame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2013 (FBC) – Guyyaan biyyaalessaa lafoo fi biskileetotaa 3ffaan magaalota adda addaa keessatti kabajame.
Dhaadannoo ‘Qaammee hanga Qaammee ni geenya’ jedhuun kan kabajamu guyyaan biyyaalessaa lafoofi biskileetotaa 3ffaan magaalota adda addaa keessatti kabajame.
Ministirri Geejjibaa a aadde Daagmaawiit Mogas sirna geejjibaa motorarraa bilisaa hojiirra oolchuun; bu’uraalee misoomaa deemsa lafoofi biskileetotaaf mijatan babal’isuufi aadaa hawaasaa ta’ee akka ittifufuuf hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Sirni kabaja ayyaanichaas namoota sababa balaa tiraafikaan lubbuu isaanii dhabaniif kadhannaa sammuu taasisuun eegalame.
Haaluma kanaan ayyaannichis; deemsa lukaan, faaruu biyyaalessaan, faaruu daa’immaniin, sosochii biskileetotaan daabalameefi haalota gara garaan kabajamee ooleera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment