Guyyaan ayyaana daa’immanii Shaashamanneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC)  – Guyyaan ayyaana daa’immanii Shaashamanneetti kabajamaa jira.

Ayyaanichi akka addunyaatti yeroo 31ffaaf akka akka Ityoophiyaatti yeroo 15ffaaf marii paanaaliitiin mata duree “mirgoota bu’uuraa daa’immanii seeraa fi qabatamaan” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjiirrattis daa’imman dabalatee haadholii siinqee, abbootiin Gadaa fi qondaaltonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi magaalaa Shaashamannee argamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa aadde Sa’aadaa Usmaan haasaa taasisaniin, biyya ijaaruuf dhaloota qaroome horachuun barbaachisaa waan ta’eef daa’immaniif qaamonni hundi xiyyeeffannoo kennuufii akka qaban dhaamaniiru.

Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa shaashamannee obbo Ibraahiim Kadir immoo daa’imman duudhaa Gadaatin akka guddataniif qaamoleen dhimmi ilaalu marti gahee isarraa eegamu bahachuu qaba jedhan.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa

Comments (0)
Add Comment