Guyyaan Alaabaa Wiixata dhufu kabajama

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2017 (FBC)- Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 17ffaan Wiixata dhufu Onkoloolessa 4, 2017 kan kabajamu ta’uu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa beeksise.

Guyyichi mata duree “Alaabaa Keenya Tokkummaa Biyyaalessaa, Birmadummaa Keenyaa fi Olka’iinsa Itiyoophiyaaf” jedhuun sadarkaa Fedeeraalaa, naannoolee fi bulchiinsa magaaloota lameenitti kan kabajamu ta’uun ibsameera.

Guyyichi waggaa waggaan kabajamuun tokkummaa biyyaalessaaf birmadummaa fi olka’iinsa Itiyoophiyaaf fuulduratti kaka’umsa uumuu keessatti hiika guddaa qabaachuu ragaan Mana Marichaarra argame ni mul’isa.

Sadarkaa dhaabbiilee Federaalaa, Naannoolee fi bulchiinsa magaalota lameenii, kaampiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa akkasumas Embaasiiwwanii fi Misiyoonota Itiyoophiyaatti sa’aatii walfakkaataatti ganama sa’aatii 4:30 irratti kan kabajamu ta’uun ibsameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment