Guyyaan Alaabaa Wiixata dhufu kabajama

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Guyyaan Alaabaa Wiixata dhufu Onkololeessa 5, 2016 akka kabajamu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa beeksise.

Guyyichi, mata duree “Olka’iinsi Alaabaa keenyaa tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaa keenyaaf wabiidha” jedhuun yeroo 16ffaaf kan kabajamuudha.

Haala qabatamaa biyyattii, qajeelfamota alaabaa jiran waliin walsimsiisuu fi mariiwwan riifoormiiwwan biyyaalessaa itti fufsisuu danda’aniin dabaalamee dursummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan sadarkaa biyyaalessaatti akka kabajamu eerameera.

Guyyichi kabajamuun tokkummaa sabdaneessaa fi birmadummaan cimsuuf kaka’umsa uumuuf hiikaa olaanaa akka qabaatu eerameera.

Kabajaa fi faayidaa biyyaaf hunduu gahee isaa bahachuuf guyyaa alaabaa duratti waadaa haaromsu ta’uu manni marichaa akeekeera.

Sadarkaa dhaabbilee federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalotaa, kaampiiwwan Rayyaa Ittisa Biyyaa akkasumas embaasiiwwan fi misiyoonota Itiyoophiyaatti sa’aatii walfakkaataatti ganama sa’aatii 4:00 irratti sirna hoo’aan kan kabajamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment