Guyyaan Alaabaa naannolee garaagaraatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Guyyaan Alaabaa 16ffaan naannolee garaagaraatti sagantaalee adda addaan kabajameera.

Guyyaan kun naannoo Harariitti bakka hoggantoonni mootummaa naannichaa fi kutaaleen hawaasaa argamanitti haala hoo’aa ta’een kabajameera.

Akkasumas guyyaan alaabaa 16ffaan kun naannoo Beenishaanguul Gumuzitti bakka hoggantoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti kabajameera.

Naannoo Gaambeellaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaattis mata duree Olka’iinsi Alaabaa keenyaa Wabii Tokkummaa Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati’’ jedhuun sirnoora adda addaan kabajameera.

Iyyoonadab Anda’aalemii fi Biiroolee Kominikeeshinii naannolee kanneeniitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment