Guyyaan Alaabaa Itiyoophiyaa Ministeera Raayyaa Ittisaatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Guyyaan Alaabaa Itiyoophiyaa 17ffaan Ministeera Raayyaa Ittisaatti kabajameera.

Qondaaltoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa, miseensonni Raayyaa Ittisaa fi hojjettoonni Ministeerichaa sirna kabaja guyyaa Alaabaa kanarratti argamaniiru.

Guyyaan alaabaa Itiyoophiyaa 17ffaan mata duree “Alaabaan keenya tokkummaa biyyaaleessaaf, birmadummaafi ol ka’iibsa Itiyoophiyaaf!” jedhuun sagantaa garaagaraatiin kabajamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment