Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 13ffaan Wiixata kabajama

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 13ffaan Wiixata kabajama.

Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 13ffaan mata duree “ Alaaban keenya nageenyaa, tokkummaa fi Badhaadhina biyyaalessaaf” jedhuun Wiixata akka kabajamu ibsameera.

Ayyaanichi gaggeesummaa mana maree bakka bu’ootaan federaala, naannoolee fi bulchiinsoota magaalaa lamatti kabajuuf qophiin taasifamaa jira.

Sirni waliigalaa ayyaanichaa mooraa mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti bakka preezdaanti Saahilawarqi Zawdee argamanitti sirni alaabaa yaabsisuu ni raawwatama.

Haaluma walfakkatuun naannolee, mana maree bulchiinsoota magaalaa, dhaabbilee mootummaa. Imbaasiwwanii fi kaampii raayyaa ittisa biyyaa keessattis ni raawwatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment