Guyyaan Afrikaa waggaa 57ffaan yaadatamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Guyyaan Afrikaa waggaa 57ffaan yaadatamaa jira.
 
Guyyaan Afrikaa waggaa waggaadhan Caamsaa 17 yaadatameet oola.
 
Kan baranaas mata duree ” Sochii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasisnu cimsinee itti yaa fufnu.” jedhuun yaadatameet oola.
 
Guyyichi ” Guyyaa walabummaa Afrikaa” jedhamees ni waamama.
 
Guyyichi akka bara Faranjootaa Caamsaa 25,1963 biyyoonni Afrikaa yerichatti walabummaa isaanii gonfatan 32 yaa’ii jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaniin akka kabajamu kan murtaa’edha.
 
Gaanaa, Gaambiyaa, Giinii, Naamiibiyaa, Zaambiyaa, Maalii, Mooriitaaniyaa, Leeseetoo fi Ziimbaabuween guyyicha akka ayyaana biyyoolessaa isaaniitti kabajaa jiru.
 
Bara 2001 biyyoonni 21 ega makamaniin booda Dhaabbanni Tokkommaa Afrikaa moggaasasaa gara Gamtaa Afrikaatti geeddaruun isaa ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment