Guyyaa tuuriizimii addunyaa kabajuuf preezdaantin naannoo Oromiyaa Jigjigaa galan

Finfinnee, Fulbaana 17, 2013 (FBC)- Guyyaa tuuriizimii addunyaa kabajuuf preezdaantin naannoo Oromiyaa, obbo Shimallis Abdiisaa Jigjigaa galaniiru.
Preezdaanti mootummaa naannoo Oromiyaa, obbo Shimallis Abdiisaa, itti aanaa preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, Ministira Ministeera Aadaa fi Turizimii FDRI Dooktar Hiruut Kaasaawun dabalatee hoggantoonni olaanoo Jigjigaa galaniiru.
Guyyicha mata duree ‘turiizimii misooma baadiyaaf” jedhuun Jijjigaatti kabajama.
Guyyaan tuuriizimii addunyaa magaalaa Jijjigaatti kabajamuunsaa kun yeroo 2ffaafi.
Bara 2008 guyyaan tuurizimii addunyaa 28ffaan magaalichatti kabajameera.
Guyyiichi akka addunyaatti yeroo 41ffaaf akka biyyatti ammoo yeroo 33ffaadha kabajama.

Giddugala aadaa magaalaa Jigjigaatti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Guyyaa tuuriizimii Addunyaa magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jiru sababeeffachuun dhagaa bu’uuraa kana kan kaa’an Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadi.

 

Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment