Guyyaa tokkotti Dhaabbileen daldaan seeraan ala gatii dabalan kumni 3 fi 512 saamsaman – MDWHN

Finfinnee, Hagayya 5, 2016 (FBC) – Guyyaa Kaleessaa qofa Dhaabbileen Daldalaa seeraan ala gatii dabalan kumni 3 fi 512 saamsamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Miseensota koree waloo farra daldala seeraan alaa fi to’annoo gabaa dhaabbilee daldalaa biyyaalessaa waliin ta’uun daballii seeraan alaa ilaalchisee hojiiwwan tokkoon tokkoon naannootti hojjetamaa jiran guyyaa 12ffaa bal’inaan gamaaggamneerra jedhan Ministirri Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.

Bu’uura kanaan dhaabbileen seeraan ala gatii dabalan kumni 3 fi 512 yoo saamsaman, daldaltoota 38 irratti adabbiin hidhaa murtaa’uu himaniiru.

Dhaabbileen daldalaa oomisha dhoksan kumni 2 fi 95 cufamuu fi daldaltoota 212 irratti adabbiin hidhaa murtaa’uu eeraniiru.

Walumaagalatti hanga har’aatti dhaabbileen daldalaa seera cabsuun isaanii mirkanaa’e kan saamsaman keessa, dhaabbileen kumni 24 fi 386 bu’uura seeraatiin hojjechuuf erga waliigalanii booda banamuun hojii eegalaniiru.

Hojiin to’annoo fi hordoffii meeshaalee ijaarsaa ilaalchisee dhaabbileen daldalaa simintoo 59, sibiila 9, fi qorqqorro 10 seeraan ala gatii dabalan saamsamaniiru jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment