Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)-Ministeerri Fayyaa Qaammee 1, 2015 Guyyaa Tajaajiltummaa sababeeffachuun tajajjila qorannoo fayyaa bilisaa Magaalaa Finfinneetti eegaalchiseera.
Sirnicharrati Itti Gaafatamtun Waajjira Muummee Ministiraa fi Dhimmoota Kaabinee Adde Alamtsahaay Phaawuloos, Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen argamaniiru.
Dooktar Liyaa Taddasaan, tajaajiltummaan hojii nama biraa akka ofiitti ilaaluu gaafatudha jedhan.
Guyyaa tajajiltummaatti sadarkaa biyyaalessatti namoota kuma 250 oliif tajajila qorannoo fi wal’ansaa fayyaa kennuuf karoorfachuu eeraniiru.
Addee Alemtsahaay Phaawuloos gamaa isaaniin, biyyi kan guddattu lammiilee tattaaffii fi qajeelummaan tajajilaniin ta’uu ibsuun, tajaajilaan hundi carraqqii caaluuf kaka’umsa horachuu qaba jechuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.