Finfinnee, Sadaasa 28, 2017 (FMC) –Guyyaa sabaaf Sablammootaa 19ffaa sababeeffachuun Siimpoziyeemiin magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.
Siimpoziyeemicharratti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyaaw Tashaagar,Afyaa’iiwwan Naannoolee, Pireezidaantoonni Naannoolee,Kantibonni Bulchiinsa Magaalota lameenii fi qondaaltoonni Olaanoo Mootummaa federaalaa fi naannoolee argamaniiru.
Akkasumas Abbootiin Gadaa,Bakka Buutonni Sabootaa,Abbootiin Amantaalee, Jaarsooliin biyyaa fi kutaaleen hawasaaa biroon argamaniiru.
Guyyaan Sabaaf Sablammoota Ummatootaa Itiyoophiyaa 19ffaan mata duree ‘Waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf’ jedhuun Sadarkaa biyyaalessaatti boru magaalaa Aarbaa Mincitti ni kabajama.