Guyyaa kabaja Ayyaana Qullubbii Gabreeliif qophii gahaan taasifameera- Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Guyyaa kabaja Ayyaana Qullubbii Gabreeliif qophii gahaan taasifamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Guyyaa kabaja Ayyaana Qullubbii Gabreelii Harargee Bahaa aanaa Meettaatti kabajamuuf humni waloo nageenyaa qophii gahaa taasisuu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramuuf humni nageenyaa waloo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Poolisii Oromiyaa, Poolisii naannoo Harariifi Poolisii Magaalaa Dirree Dawaa bulchiinsa naannawichaa, abbootii amantaafi hawaasa waliin qindaa’uun qophiin taasifamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Hawaasni naannichaa hirmaattota ayyaanichaaf dursa kennuun deeggarsa barbaachisaa akka taasisuufi haalota nageenyaaf yaaddessoo ta’an wayita argan humnoota naannichaa naannawaa sana jiraniif eeruu akka laatu humni walichaa waamicha dhiyeessuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment