Guyyaa idil Addunyaa Hararii sababeeffachuun Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Guyyaa idil Addunyaa Hararii 26ffaa sababeeffachuun Siimpooziyeemiin mata duree ‘badhaadhinaa fi Nageenya Biyyaaf qooda Diyaaspooraa’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Af Yaa’ii Mana Maree naannoo Hararii Sulxaan Abduusalaam dabalatee Ministiroonni, Dippiloomaatoonni, Ambaasaaddaroonni, Diyaaspoorawwan, Jaarsoliin Biyyaa, Jiraattoonnii fi keessummoonni waamichi taasiifameef Siimpooziyeemicharratti hirmaachaa jiru.

Siimpooziyeemichi maqaa biyyaa ijaaruu fi Diyaaspoorawwan dhimma biyyaarratti hubannoo bal’aa akka argatan qooda olaanaa qabaachuu Miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Mata dureewwan adda addaarratti barreeffamoonni dhiyaachuun mariin ni gaggeeffamaan eegama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment