Guyyaa hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa sababeeffachuun daawwannaan hojii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 14, 2017 (FBC) – Guyyaa hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa sababeeffachuun kutaalee Magaalaa Shaggaritti daawwannaan hojii gaggeeffamaa jira.

Hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa sababeeffachuun hooggantoonni Naannoo Oromiyaafi hojjettoonni Biiroolee Oromiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa fi Magaalaa Bishooftuutitti inisheetiivota misoomaafi hojiilee misoomaa biroo daawwachaa jiru.

Inisheetiiviiwwan qonnaa, furdisa looniifi aannanii, kilaastara lukkuu Sheediwwan 12, Mana barnootaa Bu’uuraa Boruu,Giddu gala Gabaafi Indaastiiriiwwaan godoo daawwatamaniiru.

Injifannoo argame utubuuf dinagdeen cimsuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Kantiibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa magaalaan shaggar erga hundaa’ee qonna guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibsanii,lafti qamadiin misoomaa jiru hektaara kuma 12 irra kuma 60 ga’uu ibsaniiru.

Qonni waliigalaa hektaara kuma 40 irra tures hektaara kuma 81 irra ga’uufi bara kanas indaastiriin godoo kuma 1 fi 500 hundaa’uus himaniiru.

Tasfaayee Ijjiguu fi Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment