Guyyaa haleellaan Ajaja Kaabaarratti raawwatame boru Finfinneetti sagantaalee garaagaraan yaadatama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti guyyaa halleellaan raawwatame sagantaalee garagaraan guyyaa borii yaadatamee kan oolu ta’uu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Bulchiinsi magaalichaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, Onkololeessa 23, 2013 gochaa gantummaa garee shororkeessaa ABUT’n Raayyaa Ittisa Biyyarratti raawwatame yoomiyyuu kan yaadatamuu fi guyyaa hindagatamne ta’uu yaadachiiseera.

Lammiilee biyyaa isaanii jaallataniin birmadummaan Ityoophiyaa kabajamee alaabaan ishees olka’ee mirmirfamuu itti fufuu kan kaase bulchiinsi magaalichaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa dhiiga isaan biyyaa bu’uuresse, hojjennee hiyyummaarratti qabsaa’uun injifannee bilisummaa fi birmadummaa biyyattii ni mirkaneessina jedheera.

Haaluma kanaan jiraattonni magaalatti Raayya Ittisaa Biyyaa cina dhaabbachuun akka qabuu waamichaa kan dhiyeesse yoo ta’u, guyyaa boriis haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti raawwatame dhaabbilee mootumma fi jiraattotaa magaalattiin sagantaalee garaagaraan yaadatamee akka oolu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment