Guyyaa guyyaan dhukkubsattoonni Covid-19 300 ol gara kutaa wallaansa cimaa kan galan ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Guyyaa guyyaan dhukkubsattoonni Covid-19 300 ol gara kutaa wallaansa cimaa kan galan ta’uu Ministeerri Fayyaa Beeksise.

 

Dhukkubsattoota kanneen keessaa 50 ol kan ta’an kanneen maashina hargansuu barbaadan ta’uu eerrameera.

 

Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darrajjee Dhugumaan yeroo ammaa namoonni dhibee Covid-19 du’anii fi yaala wallaansa cimaa barbaadan dabalaa dhufuu ibsaniiru.

 

Namoota guyyaa guyyaan dhibichaan qabaman keessaa 300 ol yaala wallaansa cimaa kan barbaadan ta’uu eeraniiru.

 

Namoonni 40-50 ta’an ammoo maashina hargansuu kanneen barbaadaniidha jedhan.

 

Kana dura dhibichi harki caalu magaalaa Fifinnee fi magaalota naannoo keessatti argamaa ture kan jedhan Dooktar Darajjeen, yeroo ammaa garuu aanaalee 900 keessatti namoonni dhibichaan qabaman argamaa jiraachuu himaniiru.

 

Kanaan dura namoota samuudaan qorannoo laabraatoorii gaggeeffameef keessaa %3 hanga %40 irratti qofa argamaa kan ture, yeroo ammaa garuu namoota qorannoon taasiifameef keessaa namoonni % 10 hanga %15, iddoo tokko tokkotti ammoo %30 hanga %40 irratti argamaa jiraachuu eeraniiru.

 

Ministeerri Fayyaa sosochii weerara vaayrasii koroonaa baatii 6f ture gaggeessuuf ta’uu Dooktar Darajjeen himaniiru.

 

Maddi:-DhPI

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment